(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 10, 2009)Ayyaanni Irreechaa kan Arfaasaa har'a, Caamsaa 10, 2009 Godina Jimmaa, Tulluu Beekii irratti sirna oo’adhaan kabajamee ooleera.
Maddi Oduu ABO, MOAn, akka gabaasetti, ayyaana Irreechaa Arfaasaa kana irratti namoonni gara 2000(kuma lama) olii ta’an kan irratti argaman yoo ta’u, sirna kana qindeessuu irratti barattoonni Yunivaristii Jimmaa fi Koollejjii barsiisota jimmaa dadammaqiinsa guddaa taasisaniiru.
Ayyaanni kun ganama sa’aatii 7:00(AM) jalqabee hanga 11:00(AM)tti kan kabajame yoo ta’u, namoonni 100(dhibba tokkoo) ol ta’anis sirna HAMMACHIISA Oromootiin maqaa isaani gara Maqaa Oromootti jijjirrachuudhaan hammachiifamaniiru.
Namoonni Ayyaana kana irratti argaman barattoota dabalatee jiraattonni naannoo fi hojjattonni mootummmaa hedduun irratti hirmaatanii jiru. Ayyaanni guyyaa har’aa kabajame kun sirna Irreechaa kan Arfaasaa hanga ammaatti deebi’ee kabajamaa jiru keessaa haamilee uummataa fi baayina namoota hirmaataniin Oromiyaa keessatti kan jalqabaa akka ta’e tilmaamama.
Akkuma beekamu sirni ayyaana irreechaa kan kabajamu waggaatti yeroo lama; Birrraa fi Arfaasaa dha. Irreechi ji'oota Birraa Oromiyaa fi biyya alaa iddoo baayyetti sirritti babal’atee kabajamaa jira. Ayyaanni Irreechaa kan ji’oota Arfaasaas waggootii dhiyoo as iddoo tokko tokkotti deebi’ee kabajamuu jalqabuu isaa illee Maddi Oduu ABO gabaasee jira.